Geerar Naan Jettaniiree?

      Jenaan Waa Injettaniiree?     

      Namni Gaargura Inhiinee?     

      Nama Miila Tokkootii     

          Namni Mawaabbaadhaa Indhoofnee     

      Gunee Cinaan Tokkoottii     

      

  1.       Bara Kaan Baardheengaddaa

    Xaafii Haamaa Keesattii      

    Geerarii Dhugi Jettuu      

    Yoon Geerare Maal Himtu

    Hiryankoo Isheen Jedhuu

    Guddoon Hermumtee Deessee

 

  1.     Xinnoon Naqataan Jirtii

    Hiryankoo Isheen Dhiraa

    Kaanoo Duultee Ajjeeftee

    Maafan Geraree Dhugaa?

    Kan Hiryottankoo, Akkuma

    Dhaqeen Qeera'e Dhufaa

    Jedheetan Barii Sokkee

    Firakoo Marii Dhoksee

    

  1.       Yommu Mataankoo Yaasee

      Ijoolleen Obboo Jettii

      Ijoolleen Obboo Jettii

      Waarsaan Isini Jettii

      Mataankoo Dhabnaan, Yaasee

      Ijoolleen Obboo Diddee



  1.       Garaachi Garaaf Malee

      Qoonqoodhaaf Homaan Goonee

      Daafuraan Haadhaaf Malee

      Lammiisaaf Homaan Gonee



  1.       Maqaa Harree Wadalaa

      Yaa Bullaatu Irra-caalaa

      Yaa Gursaatu Irra-jira

      Wadala Cufaa Dhiibuu

      Cinaan Duubaan Huruubuu

      Maal Eegdaree Yaa-saree

  1.       Wadala Hudduu Dibbee

    Hundi Gandaa Jibbee

    Wadala Eegduu Darsaa

    Yoona Qe'e Numarsaa

    Qalloon Kee Wadalaaree?

    Kana Hundaa Badadaaree

Sign up via our free email subscription service to receive notifications when new information is available.